‏ Leviticus 23:26-32

Guyyaa Araarri Buʼu

23:26‑32 kwf – Lew 16:2‑34; Lak 29:7‑11

26 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 27“Guyyaan kurnaffaan jiʼa torbaffaa guyyaa araarri buʼuu dha. Wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; gad ofi deebisaa; Waaqayyoofis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. 28Sababii guyyaan sun Guyyaa Araarri Buʼu, yeroo itti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti araarri isiniif buʼu taʼeef hojii tokko illee hin hojjetinaa. 29Namni gaafuma sana gad of hin deebifne kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama. 30Nama gaafa sana hojii tokko illee hojjetu kam iyyuus ani saba isaa gidduudhaa nan balleessa. 31Isin hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa. Kunis lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. 32Kun isiniif sanbata boqonnaa ti; isinis gad of deebisuu qabdu. Galgala bultii saglaffaa jiʼa sanaatii jalqabaatii hamma galgala itti aanutti sanbata keessan ayyaaneffadhaa.”
Copyright information for GazHAHl