‏ Leviticus 23:33-43

Ayyaana Daasii

23:33‑43 kwf – Lak 29:12‑39; KeD 16:13‑17

33 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 34“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti Ayyaana Dunkaana Qulqulluu Waaqayyootu jalqabama; kunis bultii torba tura. 35Guyyaan jalqabaa wal gaʼii qulqulluu dha; hojii idilees hin hojjetinaa. 36Guyyaa torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; guyyaa saddeettaffaatti immoo wal gaʼii qulqulluu godhadhaatii aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; kun guyyaa wal gaʼiin qulqulluun itti xumuramuu dha; hojii idilees hin hojjetinaa.

37“ ‘Kunneen ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo isin aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, aarsaa gubamu, aarsaa midhaanii, qalmaa fi dhibaayyuu guyyaa kamiif iyyuu barbaachisu dhiʼeessuuf wal gaʼiiwwan qulqulluu itti labsitanii dha. 38Aarsaawwan kunneen kennaawwan isin Sanbata Waaqayyootiif dhiʼeessitanii fi kennaawwan keessan, kennaawwan wareega keessanii fi kennaawwan isin fedhiidhaan kennitan hunda irratti dabaltanii Waaqayyoof fiddanii dha.

39“ ‘Erga oomisha lafa keessanii walitti qabdanii booddee bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatii jalqabaatii bultii torba Waaqayyoof ayyaana ayyaaneffadhaa; guyyaan jalqabaa sanbata boqonnaa ti; guyyaan saddeettaffaanis akkasuma sanbata boqonnaa ti. 40Guyyaa jalqabaa ija muka gaarii, damee meexxii, damee muka baala qabuutii fi alaltuu qabadhaatii guyyaa torba fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti gammadaa. 41Wagguma waggaan ayyaana Waaqayyoo guyyaa torba ayyaaneffadhaa. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu; jiʼa torbaffaattis isa ayyaaneffadhaa. 42Bultii torba daasii keessa turaa; dhalataan Israaʼel hundinuu daasii keessa haa turu; 43ijoolleen keessanis akkasiin akka ani yeroo biyya Gibxiitii Israaʼeloota baasetti daasii keessa isaan turse ni beeku. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
Copyright information for GazHAHl