Leviticus 23:4-8
Ayyaana Faasiikaatii fi Ayyaana Maxinoo
23:4‑8 kwf – Bau 12:14‑20; Lak 28:16‑25; KeD 16:1‑8
4“ ‘Isaan kunneen ayyaanota Waaqayyoo murteeffamoo, waldaawwan qulqulluu isin yeroo isaaniitti labsitanii dha; 5Faasiikaan Waaqayyoo galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti jalqabama. 6Guyyaa kudha shanaffaa jiʼa jalqabaatti Ayyaana Waaqayyoo kan maxinootu jalqabama; isinis guyyaa torba buddeena raacitii hin qabne nyaadhaa. 7Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. 8Bultii torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.’ ”
Copyright information for
GazHAHl