Leviticus 24:1-3
Zayitii fi Buddeena Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffamu
24:1‑3 kwf – Bau 27:20‑21
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2“Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersaa kan cuunfamee taliila taʼe siif fidaniif ijoollee Israaʼel ajaji. 3Aroonis ibsaawwan sana golgaa taabota kakuu seeraa kan dunkaana wal gaʼii keessa jiru sanaan alatti fuula Waaqayyoo duratti galgalaa hamma ganamaatti ittuma fufee haa qopheessu. Kunis dhaloota keessaniif seera bara baraa haa taʼu.
Copyright information for
GazHAHl