‏ Leviticus 25:39-55

39“ ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee sitti of gurgure akka garbichaatti isa hin hojjechiifatin. 40Inni akka hojjetaa qaxaramaa yookaan nama yeroodhaaf isin wajjin jiraatuu haa taʼu; inni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti siif haa hojjetu. 41Ergasii inni ijoollee isaa wajjin gad haa lakkifamu; inni gara maatii isaatii fi qabeenya abbootii isaatti haa deebiʼu. 42Israaʼeloonni sababii garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baasee fide taʼaniif akka garbootaatti hin gurguramin. 43Waaqa kee sodaadhu malee gara jabinaan isaan hin bulchin.

44“ ‘Garboonni kee dhiironnii fi dubartoonni saboota naannoo kee jiraatan gidduudhaa haa dhufan; isin isaan keessaa garboota bitachuu dandeessu. 45Akkasumas keessummoota isin gidduu jiraatanii fi maatii isaanii warra biyya keessanitti dhalatan keessaa garboota bitachuu dandeessu; isaanis qabeenya keessan haa taʼan. 46Akka qabeenya dhaalamuutti ijoollee keessanitti dabarsuu dandeessu; bara jireenya isaanii guutuus isaan garboomfachuu dandeessu; Israaʼeloota obboloota keessan taʼan garuu gara jabinaan hin bulchinaa.

47“ ‘Yoo alagaan yookaan keessummaan si wajjin jiraatu tokko sooromee obboleessi kee immoo hiyyoomee alagaa si wajjin jiraatutti yookaan maatii alagaa sanaatti of gurgure, 48inni erga of gurguree booddee furamuuf mirga qaba. Firoota isaa keessaas namni tokko isa furuu dandaʼa. 49Obboleessi abbaa isaa yookaan ilmi obboleessa abbaa isaa yookaan aantee isaa keessaa firri dhiigaa isa furuu dandaʼa. Yookaan inni iyyuu yoo soorome of furuu dandaʼa. 50Innii fi namichi isa bite sun waggaa inni itti of gurguree jalqabee hamma waggaa Iyyoobeeliyyuutti haa lakkaaʼan. Gatiin furii isaas baayʼina waggoota sanaa irratti hundaaʼa; yeroon inni namicha isa bitate sana bira ture immoo akka nama qacaramee hojjete tokkootti herregama. 51Yoo akka herrega isaaniitti waggoonni baayʼeen hafan inni gatii ittiin bitame sana keessaa harka baayʼee namicha sanaaf deebisuu qaba. 52Yoo waggoonni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti hafan muraasa taʼan inni waggoota hafan sana herregatee gatii furama isaa haa kaffalu. 53Inni akkuma nama waggaa waggaatti qaxaramu tokkootti isa wajjin haa jiraatu; fuula kee durattis inni gara jabinaan isa hin bulchin.

54“ ‘Yoo inni karaa kanneeniin furamuu baates innii fi ijoolleen isaa Waggaa Iyyoobeeliyyuutti furamuu qabu; 55Israaʼeloonni garboota kootii. Isaan garboota koo kanneen ani biyya Gibxii baasee fidee dha. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
Copyright information for GazHAHl