‏ Leviticus 25:8-38

Waggaa Iyyoobeeliyyuu

25:8‑38 kwi – KeD 15:1‑11

25:39‑55 kwi – Bau 21:2‑11; KeD 15:12‑18

8“ ‘Waggoota sanbataa torba jechuunis waggoota torba yeroo torba lakkaaʼi; waggoonni sanbataa torban waggoota afurtamii sagal taʼu. 9Guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti immoo guutummaa biyya keessanii keessatti malakata dhageessisi; Guyyaa Araarri Buʼuttis guutummaa biyyaa keessatti malakata dhageessisaa. 10Waggaa shantamaffaa qulqulleessaatii guutummaa biyyattii keessatti jiraattota hundaaf bilisummaa labsaa. Kunis iyyoobeeliyyuu isinii taʼa; tokkoon tokkoon namaa deebiʼee gara qabeenya isaattii fi gara maatii isaatti haa galu. 11Waggaan shantamaffaan iyyoobeeliyyuu isiniif haa taʼu; hin facaafatinaa; waan ofiin biqile hin haammatinaa; wayinii hin qoramin irraas ija isaa walitti hin qabatinaa. 12Kun sababii iyyoobeeliyyuu taʼeef qulqulluu isiniif haa taʼu; waan lafa qotiisaa irraa galfamu nyaadhaa.

13“ ‘Waggaa Iyyoobeeliyyuu kana keessa tokkoon tokkoon namaa gara qabeenya isaatti haa deebiʼu.

14“ ‘Yoo nama saba kee taʼetti lafa gurgurte yookaan waan tokko isa irraa bitte, wal hin gowwoomsinaa. 15Ati waggoota waggaa Iyyoobeeliyyuu booddee jiran irratti hundooftee nama saba keetii irraa bitadhu. Innis baayʼina waggoota galchaa midhaanii lakkaaʼee sitti haa gurguru. 16Yoo waggaan baayʼee taʼe gatii isaa dabaliif; yoo waggaan isaa gabaabaa taʼe immoo gatii isaa hirʼisi; sababiin isaa wanni inni sitti gurguru baayʼina midhaanii ti. 17Wal hin cunqursinaa; garuu Waaqa sodaadhaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.

18“ ‘Ajaja koo duukaa buʼaa; seera koo illee eegaa; isinis biyyattii keessa nagaan ni jiraattu. 19Lafti ija ni kenniti; isinis hamma quuftanitti nyaattu; nagaadhaanis ni jiraattu. 20Isinis, “Nu yoo facaafachuu yookaan midhaan keenya walitti qabachuu baanne waggaa torbaffaatti maal nyaanna?” jettanii gaafattu taʼa. 21Akka lafti midhaan waggaa sadiif gaʼu isinii kennituuf ani waggaa jaʼaffaatti eebba koo isiniif nan erga. 22Yeroo waggaa saddeettaffaatti facaafattanittis waanuma duraan galfattan irraa nyaattu; hamma midhaan waggaa saglaffaa walitti qabattanitti midhaanuma kana nyaattu.

23“ ‘Lafti sababii kanuma koo taateef bara baraan hin gurguramin; isin anaaf alagaa fi keessummoota. 24Biyya akka dhaalaatti qabattan guutuu keessatti waan ittiin lafa furtan baasaa.

25“ ‘Obboleessi kee tokko hiyyoomee lafa isaa yoo gurgure, namni fira isaa kan dhiʼoo taʼe dhufee waan firri isaa gurgure sana haa furuuf. 26Garuu yoo namichi sun fira lafa isaa furuuf dhabee inni mataan isaa waan ittiin lafa isaa furatu argate, 27waggoota yeroo inni lafa isaa gurgure sanaa as jiran lakkaaʼee namicha itti gurgure sanaaf maallaqa isaa haa deebisu; innis gara lafa ofiitti haa deebiʼu. 28Garuu yoo waan namicha sanaaf deebisu dhabee, wanni inni gurgure sun hamma waggaa iyyoobeeliyyuutti harkuma namicha bite sanaa haa turu. Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa ni deebiʼaaf; innis gara qabeenya isaatti ni deebiʼa.

29“ ‘Namni yoo magaalaa dallaa qabdu keessatti mana jireenyaa gurgurate, gaafa gurguratee jalqabee waggaa tokko keessatti furachuu dandaʼa. Mirgi furachuu isaas hamma waggaa tokkootti tura. 30Yoo utuu waggaan tokko hin guutin furamuu baate manni magaalaa dallaa qabdu keessatti argamu sun qabeenya namicha biteetii fi kan sanyii isaa taʼee hafa. Waggaa Iyyoobeeliyyuuttis hin deebiʼu. 31Manneen gandoota dallaan itti hin ijaaramin keessa jiran garuu waan akka lafa baadiyyaatti hedamaniif furamuu dandaʼu. Bara Iyyoobeeliyyuuttis ni deebifamu.

32“ ‘Lewwonni garuu manneen isaanii kanneen magaalaawwan isaanii keessatti argaman furachuuf yeroo kam iyyuu mirga qabu. 33Qabeenyi Lewwotaa furamuu ni dandaʼa; manneen magaalaa isaan qabatan keessatti gurguraman bara Iyyoobeeliyyuutti ni deebifamu; manneen magaalaa Lewwotaa keessatti argaman Israaʼeloota gidduutti qabeenya Lewwotaatii. 34Lafti dheedaa kan naannoo magaalaa isaaniitti argamu garuu sababii qabeenya isaanii kan bara baraa taʼeef hin gurguramin.

35“ ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee isin gidduutti of gargaaruu dadhabe, akka inni isin gidduu jiraachuu dandaʼuuf akkuma alagaa yookaan keessummaa tokko gargaartutti isa gargaar. 36Akka namni sun si wajjin jiraachuu dandaʼuuf Waaqa kee sodaadhu malee dhala tokko iyyuu isa irraa hin fudhatin. 37Maallaqa kee dhalaan hin liqeessiniif yookaan nyaata kee buʼaa itti herregattee hin kenniniif. 38Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Kanaʼaan isiniif kennuu fi Waaqa keessan taʼuuf biyya Gibxii isin baasee dha.
Copyright information for GazHAHl