Luke 1:1-4
Seensa
1:1‑4 kwi – Hoj 1:1
1Namoonni baayʼeen seenaa wantoota nu gidduutti raawwatame sanaa barreessuu yaalaniiru; 2kunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti. 3Kanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera. 4Kunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf.
Copyright information for
GazHAHl