Luke 10:4-12
4Borsaa yookaan korojoo yookaan kophee hin qabatinaa; karaa irrattis nama tokko illee nagaa hin gaafatinaa. 5 “Yeroo mana tokko seentanitti dursaatii, ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu’ jedhaa. 6Yoo namni nagaa achi jiraate, nagaan keessan isaaf taʼa; yoo kanaa achii nagaan keessan isiniif deebiʼa. 7Waan isaan isinii kennan hunda nyaachaa, dhugaas achuma turaa; hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni malaatii. Manaa gara manaatti hin labinaa. 8 “Yeroo magaalaa tokko seentanii simatamtanitti waanuma isinii dhiʼaate nyaadhaa. 9Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, ‘Mootummaan Waaqaa isinitti dhiʼaateera’ jedhaa isaanitti himaa. 10Yoo magaalaa tokko seentanii isin simachuu baatan garuu gara daandii magaalaatti baʼaatii akkana jedhaa; 11‘Nu akka akeekkachiisa isinii taʼuuf awwaara magaalaa keessanii illee miilla keenya irraa dhadhaʼanna. Taʼus waan kana beekaa: Mootummaan Waaqaa dhiʼaateera.’ 12Ani isinittin hima; gaafas magaalaa sana irra Sodoomiif ni salphata.
Copyright information for
GazHAHl