Luke 11:29-32
Mallattoo Yoonaas
11:29‑32 kwf – Mat 12:39‑42
29Akkuma baayʼinni namootaa dabalameen Yesuus akkana jedhe; “Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha. Inni mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yoonaas malee mallattoon tokko iyyuu isaaf hin kennamu. 30Akkuma Yoonaas mallattoo saba Nanawwee ture sana, Ilmi Namaas mallattoo dhaloota kanaa ni taʼaatii. 31Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti namoota dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii. Kunoo kan Solomoonin caalu as jira. 32Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo kan Yoonaasin caalu as jira.
Copyright information for
GazHAHl