‏ Luke 12:22-31

Hin Yaaddaʼinaa

12:22‑31 kwf – Mat 6:25‑33

22Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘maal nyaanna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. 23Jireenyi nyaata caala; dhagnis uffata caalaatii. 24Mee arraageyyii ilaalaa: Isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan; gombisaa yookaan gumbii hin qaban; taʼus Waaqni isaan soora. Isin immoo hammam simbirroota caalaa gatii guddaa qabdu! 25Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼu eenyu? 26Yoos isin erga waan xinnoo akkasii illee godhachuu hin dandeenye, maaliif waan biraaf yaaddoftu ree?

27 “Daraaraawwan bosonaa akkamitti akka guddatan mee ilaalaa; isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne. 28Isin yaa warra amantii xinnoo nana! Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo hammam kana caalaa haa uffisuu ree. 29Qalbii keessan waan nyaattan irra yookaan waan dhugdan irra hin kaaʼatinaa; waaʼee isaas hin yaaddaʼinaa. 30Addunyaan ormootaa waan kana hunda ni barbaaduutii; Abbaan keessan akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka. 31Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.
Copyright information for GazHAHl