Luke 13:18-21
Fakkeenya Sanyii Sanaaficaatii fi Fakkeenya Raacitii
13:18,19 kwf – Mar 4:30‑32
13:18‑21 kwf – Mat 13:31‑33
18Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata? Anis maaliinan wal isa fakkeessa? 19Mootummaan Waaqaa sanyii sanaaficaa kan namni tokko fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase fakkaata. Sanyiin sunis guddatee muka taʼe; simbirroonnis dameewwan isaa irra jiraatan.” 20Amma illee akkana jedhee gaafate; “Ani mootummaa Waaqaa maaliinan wal fakkeessa? 21Inni raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”
Copyright information for
GazHAHl