Luke 14:16-24
16Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namichi tokko cidha guddaa qopheessee keessumoota hedduu affeere. 17Namichi sunis saʼaatii nyaataatti akka inni, ‘Kunoo, wanni hundinuu qopheeffameeraatii kottaa’ jedhee warra affeeraman sanatti himuuf garbicha isaa erge. 18 “Garuu isaan hundi bifuma tokkoon sababa dhiʼeeffachuu jalqaban; inni jalqabaa, ‘Ani lafa qotiisaa bitadheera; kanaafuu dhaqeen ilaaluu qabaatii maaloo na hin komatin’ jedheen. 19 “Inni kaan, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan bitadheera; isaan leenjisuuf deemuuttin jiraatii, maaloo na hin komatin’ jedheen. 20 “Amma illee inni kaan, ‘Ani dhiʼoon niitii fuudhe; kanaafuu dhufuu hin dandaʼu’ jedheen. 21 “Garbichi sunis deebiʼee waan kana gooftaa isaatti hime. Abbaan mana sanaas aaree, ‘Dafii karaa guddaa fi daandii qalʼaa magaalaatti achi baʼiitii hiyyeeyyii, naafa, jaamaa fi okkolaa fidii ol seensis’ jedhee garbicha isaa ajaje. 22 “Garbichi sunis, ‘Yaa gooftaa, wanni ati ajajje hundi raawwateera; garuu amma illee iddoon jira’ jedheen. 23 “Gooftichis garbicha isaatiin akkana jedhe; ‘Akka manni koo guutamuuf karaa guddaa fi daandii baadiyyaatti achi baʼiitii akka isaan ol galan dirqisiisi. 24Ani isinittin hima; namoota waamaman sana keessaa namni tokko iyyuu maaddii koo irraa afaaniin hin qabu.’ ”
Copyright information for
GazHAHl