‏ Luke 18:35-43

Namichi Jaamaan Tokko Fayyifamuu Isaa

18:35‑43 kwf – Mat 20:29‑34; Mar 10:46‑52

35Yeroo Yesuus Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture. 36Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate. 37Isaanis, “Yesuus nama Naazreetitu asiin darbaa jira” jedhanii isatti himan.

38Innis, “Yesuus, yaa ilma Daawit, na maari!” jedhee iyye.

39Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.

40Yesuusis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Yesuus akkana jedhee isa gaafate; 41“Akka ani maal siif godhu barbaadda?”

Namichis, “Yaa Gooftaa, ani arguun barbaada” jedhee deebise.

42Yesuusis, “Argi; amantiin kee si fayyiseeraa” jedheen. 43Innis yeruma sana argee Waaqa jajachaa Yesuus duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Waaqa jajan.
Copyright information for GazHAHl