Luke 19:45-47
Yesuus Mana Qulqullummaa Keessatti
19:45,46 kwf – Mat 21:12‑16; Mar 11:15‑18; Yoh 2:13‑16
45Yesuus mana qulqullummaa seenee warra gurgurachaa turan ariʼuu jalqabe. 46Innis, “ ‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’ jedhamee barreeffameera; isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu” ▼ isaaniin jedhe. 47Guyyuma guyyaanis mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi dura buʼoonni sabaa garuu isa ajjeesuudhaaf jabeessanii barbaadaa turan.
Copyright information for
GazHAHl