Luke 20:1-8
Taayitaan Yesuus Gaaffii Uume
20:1‑8 kwf – Mat 21:23‑27; Mar 11:27‑33
1Gaaf tokko utuu Yesuus mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisuu, utuu wangeelas lallabuu luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa maanguddoota wajjin gara isaa dhufan. 2Isaanis, “Ati akka taayitaa maaliitiin waan kana hojjettu nutti himi. Eenyutu taayitaa kana siif kenne” jedhan. 3Innis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo natti himaa: 4Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe?” 5Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata. 6Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoonni hundinuu akka Yohannis raajii taʼe waan amananiif dhagaadhaan nu tumu.” 7Kanaaf isaan, “Inni eessaa akka dhufe nu hin beeknu” jedhan. 8Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan waan kana hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.
Copyright information for
GazHAHl