Luke 20:20-26
Qeesaariif Gibira Kaffaluu
20:20‑26 kwf – Mat 22:15‑22; Mar 12:13‑17
20Jarris isa gaadaa, akka isaan waan inni dubbatuun isa qabanii dabarsanii humnaa fi taayitaa bulchaatti isa kennaniif jedhanii basaastota nama nagaa of fakkeessan ergan. 21Basaastonni sunis akkana jedhanii isa gaafatan; “Yaa Barsiisaa, nu akka ati waan qajeelaa dubbatuu fi waanuma qajeelaa barsiiftu, akkasumas akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiisuu malee nama wal hin caalchifne beekna. 22Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?” ▼▼Qeesaariif gibira kaffaluun – Mootummaan Roomaa biyya isaanii qabachuu isaa Yihuudoonni hin beekan ture. Utuu Yesuus hin dhufin waggaa digdamii shaniin dura, sababii gibira kaffaluutiin mootummaa Roomaatti mormiin guddaan tokko kaʼee ture. Kanaaf gaaffiin kun gaaffii micciiramaa dha. Yesuus yoo kaffaltii gibiraa deeggare, fudhatama nama biratti qabu sana dhaba. Yoo kaffaltii gibiraa morme immoo dabarfamee abbootii aangoo mootummaatti kennama.
23Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe; 24“Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?” Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhanii deebisan. 25Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen. 26Isaanis waan inni dubbateen fuula namootaa duratti isa qabuu hin dandeenye. Deebii isaas dinqisiifatanii calʼisan.
Copyright information for
GazHAHl