Luke 20:27-38
Gaaffii Waaʼee Duʼaa Kaʼuu
20:27‑40 kwf – Mat 22:23‑33; Mar 12:18‑27
27Saduuqota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan keessaa tokko tokko waa gaafachuuf jedhanii gara Yesuus dhufan; 28akkanas jedhan; “Yaa Barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe, akka namichi sun niitii sana dhaalee ijoollee dhalchee obboleessa isaatiif sanyii dabarsu Museen nuu barreesseera. 29Kunoo obboloota torbatu ture. Inni hangafni niitii fuudhee ijoollee malee duʼe. 30Inni lammaffaan, 31inni sadaffaanis ishee fuudhan; haaluma wal fakkaatuun isaan torbanuu utuu ijoollee hin dhalchin duʼan. 32Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. 33Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.” 34Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namoonni addunyaa kanaa ni fuudhu; ni heerumus. 35Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis. 36Isaan waan akka ergamootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Waaqaa ti. 37Garuu Museen iyyuu seenaa waaʼee daggalaa keessatti akka warri duʼan duʼaa kaʼan argisiiseera; inni Gooftaadhaan, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’ ▼ jedhee waamaatii. 38Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti; hundinuu isaaf jiraatoodhaatii.”
Copyright information for
GazHAHl