‏ Luke 20:41-44

Kiristoos Ilma Eenyuu ti?

20:41‑47 kwf – Mat 22:41–23:7; Mar 12:35‑40

41Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isaan akkamitti Kiristoos
yookaan Masiihichi
ilma Daawit jechuu dandaʼu?
42Daawit mataan isaa iyyuu kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedha; “ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin akkana jedhe;
“Karaa mirga koo taaʼi;
43 hamma ani diinota kee,
ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’

44 Daawit ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
Copyright information for GazHAHl