Luke 20:41-47
Kiristoos Ilma Eenyuu ti?
20:41‑47 kwf – Mat 22:41–23:7; Mar 12:35‑40
41Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isaan akkamitti Kiristoos ▼▼yookaan Masiihichi
ilma Daawit jechuu dandaʼu? 42Daawit mataan isaa iyyuu kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedha; “ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin akkana jedhe;“Karaa mirga koo taaʼi;
43 hamma ani diinota kee,
ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’ ▼
44 Daawit ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?” 45Utuu namoonni hundinuu isa dhagaʼaa jiranuu, Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; 46“Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu. 47Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”
Copyright information for
GazHAHl