Luke 20:9-19
Fakkeenya Qottuuwwanii
20:9‑19 kwf – Mat 21:33‑46; Mar 12:1‑12
9Innis akkana jedhee fakkeenya kana namootatti himuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbatee, qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqee yeroo dheeraa ture. 10Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka isaan ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa kennaniif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Qottuuwwan sun garuu tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan. 11Innis garbicha biraa ergate; isaan garuu isas tumanii, qaanessaniis harka duwwaa of irraa isa deebisan. 12Amma illee garbicha sadaffaa ergate; isaan immoo isas madeessanii gad isa darbatan. 13 “Ergasii abbichi iddoo dhaabaa wayinii, ‘Maal gochuu naa wayya? Kaʼeen ilma koo jaallatamaa itti erga; tarii isa ni kabaju taʼaatii’ jedhe. 14 “Qottoonni sun garuu yommuu isa arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana; kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun kan keenya taʼaatii’ jedhanii walii wajjin dudubbatan. 15Kanaafuu isaan iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan. “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal isaan godhinna laata? 16Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.” Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Waaqni waan kana hin fidin!” jedhan. 17Yesuusis isaan ilaalee, akkana jedhe; “Egaa inni, “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatandhagaa golee taʼeera jedhamee barreeffame maal jechuu isaati ree’ ▼ ?
18 Namni dhagaa sana irratti kufu hundinuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.” 19Barsiistonni seeraatii fi luboonni hangafoonni akka inni fakkeenya kana isaaniin mormuun dubbate waan beekaniif yeruma sana isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan.
Copyright information for
GazHAHl