‏ Luke 22:25-27

25Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Mootonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisu; warri isaan irratti taayitaa argisiisan immoo Gargaartota ofiin jedhu. 26Isin garuu akkas taʼuu hin qabdan. Qooda kanaa isin keessaa namni nama hunda caalu, akka quxisuu nama hundaa, bulchaan immoo akka tajaajilaa haa taʼu. 27Eenyutu guddaa dha? Nama maaddiitti dhiʼaatu moo nama tajaajilu? Nama maaddiitti dhiʼaatu mitii? Ani garuu isin gidduutti akka tajaajilaa tokkoo ti.
Copyright information for GazHAHl