‏ Luke 22:3-6

3Ergasiis seexanni namicha Yihuudaa Keeriyoticha jedhamu kan jara Kudha Lamaan keessaa tokko ture sanatti gale. 4Yihuudaanis gara luboota hangafootaatii fi ajajjoota waardiyyaa mana qulqullummaa dhaqee haala ittiin Yesuusin dabarsee kennu irratti isaan wajjin mariʼate. 5Isaanis gammadanii maallaqa isaaf kennuuf walii galan. 6Innis tole jedhee yeroo namoonni hin jirretti Yesuusin dabarsee isaanitti kennuudhaaf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
Copyright information for GazHAHl