‏ Luke 22:31-34

31 “Yaa Simoon, yaa Simoon; kunoo, Seexanni akkuma qamadiitti isin gingilchuuf kadhateera. 32Yaa Simoon, ani garuu akka amantiin kee hin dadhabneef siif kadhadheera; atis yommuu deebitutti, obboloota kee jajjabeessi.”

33Simʼoon garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, ani si wajjin hidhamuu fi duʼuuf illee qophaaʼeera” jedhe.

34Yesuus, “Yaa Phexros, ani sittin hima; ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin akkuma na beektu illee yeroo sadii ni ganta” jedhee deebise.
Copyright information for GazHAHl