‏ Luke 22:63-71

Eegdonni Yesuusitti Qoosuu Isaanii

22:63‑65 kwf – Mat 26:67,68; Mar 14:65; Yoh 18:22,23

63Namoonni Yesuusin eegaa turan sun isatti qoosuu fi isa tumuu jalqaban. 64Isaanis isa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatan. 65Isaanis isa arrabsaa waan hedduu isaan jedhan.

Yesuus Yaaʼii Yihuudootaa Duratti Dhiʼaachuu Isaa

22:67‑71 kwf – Mat 26:63‑66; Mar 14:61‑63; Yoh 18:19‑21

23:2,3 kwf – Mat 27:11‑14; Mar 15:2‑5; Yoh 18:29‑37

23:18‑25 kwf – Mat 27:15‑26; Mar 15:6‑15; Yoh 18:39–19:16

66Yommuu lafti bariʼettis yaaʼiin maanguddoota sabaa akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa walitti qabaman; yaaʼii isaanii durattis Yesuusin dhiʼeessanii, 67“Ati yoo Kiristoos
yookaan Masiihicha
taate mee nutti himi” jedhaniin.

Yesuusis akkana jedhee deebise; “Yoo ani isinitti hime isin na hin amantan;
68yoo ani isin gaafadhes hin deebiftan. 69Garuu siʼachi Ilmi Namaa karaa mirga humna Waaqaatiin ni taaʼa.”

70Hundi isaaniis, “Yoos ati Ilma Waaqaatii ree?” jedhanii gaafatan.

Innis deebisee, “Akka ana taʼe isinuu ni dubbattu!” jedhe.

71Kana irratti isaan, “Kana caalaa dhuga baʼumsa maalii nu barbaachisa? Nu mataan keenya iyyuu afaanuma isaa irraa dhageenyeerraatii” jedhan.
Copyright information for GazHAHl