Luke 23:18-25
18Isaan garuu sagalee tokkoon iyyanii, “Namicha kana balleessi! Barabbaasin gad nuu dhiisi!” jedhan. 19Barabbaas sababii fincila magaalaa keessatti kaʼeetii fi ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufamee ture. 20Phiilaaxoosis Yesuusin gad dhiisuu barbaadee amma illee isaanitti dubbate. 21Isaan garuu, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyaa turan. 22Innis yeroo sadaffaa, “Maaliif? Namichi kun yakka maalii hojjete? Ani yakka duʼaan isa gaʼu isa irratti hin arganne. Kanaafuu ani isa adabeen gad isa dhiisa” isaaniin jedhe. 23Isaan garuu akka inni fannifamuuf sagalee guddaadhaan ittuma cichanii gaafatan; iyyi isaaniis ittuma jabaate. 24Kanaaf Phiilaaxoos waan isaan kadhatan sana isaaniif kennuu murteesse. 25Innis namicha sababii fincilaatii fi sababii ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufame kan isaan akka inni hiikamuuf kadhatan sana gad dhiise; Yesuusin immoo dabarsee fedhii isaaniitti kenne.
Copyright information for
GazHAHl