‏ Luke 23:33-43

33Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan. 34Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.

35Namoonnis achi dhadhaabatanii ilaalaa turan; bulchitoonni garuu, “Inni warra kaan oolcheera. Inni yoo dhuguma Kiristoos Waaqaa isa Filatamaa sana taʼe mee of haa oolchuu!” jedhanii isatti qoosan.

36Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii, 37“Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi” jedhan.

38Katabbiin, Kun Mooticha Yihuudootaa ti,

jedhu tokkos mataa isaatii ol ture.

39Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, “Ati Kiristoos mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!” jedhee isa arrabse.

40Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; “Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu? 41Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne.”

42Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe.

43Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
Copyright information for GazHAHl