Luke 3:2-10
2yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Waaqaa gammoojjii keessatti gara Yohannis ilma Zakkaariyaas dhufe. 3Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme. 4Kunis isa kitaaba dubbii Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha: “Sagalee nama gammoojjii keessaa iyyu tokkoo:‘Karaa Gooftaa qopheessaa;
daandii isaas qajeelchaa.
5Sululli hundi ni guutama;
tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifamu.
Karaan jalʼaan ni qajeela;
daandiin buʼaa baʼiinis wal qixxeeffama.
6Sanyiin namaa hundinuus fayyisuu Waaqaa ni arga.’ ” ▼
7Yohannisis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime? 8Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii. 9Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.” 10Namoonni sunis, “Yoos maal haa goonuu ree?” jedhanii isa gaafatan.
Copyright information for
GazHAHl