Luke 4:1-13
Yesuus Qoramuu Isaa
4:1‑13 kwf – Mat 4:1‑11; Mar 1:12,13
1Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kaʼee Hafuuruma sanaan gammoojjiitti geeffame; 2achittis guyyaa afurtama diiyaabiloosiin qorame. Innis guyyoota sana keessa homaa hin nyaanne; dhuma irrattis ni beelaʼe. 3Diiyaabiloosis, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagaan kun buddeena taʼu ajaji” jedheen. 4Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’ ▼ jedhamee barreeffameera” jedheen. 5Diiyaabiloosis gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee hamma liphsuu ijaatti mootummoota addunyaa hunda isatti argisiise. 6Akkanas jedheen; “Ani taayitaa isaaniitii fi ulfina isaanii hundumaa siifin kenna; taayitaa fi ulfinni kun waan naa kennameef ani abbaa kennuufii barbaadeef kennuu nan dandaʼa. 7Yoo ati naa sagadde, wanni kun hundinuu kan kee taʼa.” 8Yesuus immoo, “ ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi, isuma qofa tajaajili’ ▼ jedhamee barreeffameera” jedhee deebiseef. 9Diiyaabiloosis Yerusaalemitti isa geessee, fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, asii gad of darbadhu. 10Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Inni akka isaan sirriitti si eeganiif,ergamoota isaa siif ni ajaja;
11isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef,
harka isaaniitiin ol si fuudhu.’ ▼”
12Yesuus immoo deebisee, “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’ ▼ jedhameera” jedheen. 13Diiyaabiloos immoo erga qorumsa kana hunda raawwatee booddee hamma yeroo mijaaʼaa argatutti isa dhiisee deeme.
Copyright information for
GazHAHl