Luke 4:31-37
Yesuus Hafuura Xuraaʼaa Baasuu Isaa
4:31‑37 kwf – Mar 1:21‑28
31Innis gara Qifirnaahom, magaalaa Galiilaa keessaatti gad buʼe; guyyaa Sanbataas namoota barsiise. 32Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan. 33Namichi hafuura hamaa xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa keessa ture. Innis sagalee guddaadhaan iyyee akkana jedhe; 34“Uffi! Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!” 35Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate. Hafuurri hamaan sunis isaan hunda duratti namicha kuffisee utuu hin miidhin isa keessaa baʼe. 36Namoonni hundinuu dinqifatanii, “Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu” waliin jedhan. 37Oduun waaʼee isaas biyya naannoo sanaa guutuu keessa faffacaʼe.
Copyright information for
GazHAHl