‏ Luke 4:38-41

Yesuus Nama Baayʼee Fayyise

4:38‑41 kwf – Mat 8:14‑17

4:38‑43 kwf – Mar 1:29‑38

38Yesuus mana sagadaatii baʼee mana Simoon dhaqe. Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaa hamaadhaan qabamtee dhiphachaa turte; isaanis akka Yesuus ishee gargaaru isa kadhatan. 39Innis isheetti gad jedhee, dhagna gubaa sana ifate; dhagna gubaan sunis ishee dhiise. Isheenis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.

40Namoonnis yeroo aduun lixxetti namoota dhukkuba gosa garaa garaa qaban hunda gara Yesuus fidan; innis tokkoo tokkoo isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise. 41Akkasumas hafuuronni hamoon iyyanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii namoota baayʼee keessaa baʼan. Inni garuu sababii isaan akka inni Kiristoos
yookaan Masiihii
taʼe beekaniif isaan ifate; akka isaan dubbatanis hin eeyyamneef.
Copyright information for GazHAHl