Luke 6:1-11
Yesuus Gooftaa Sanbataa ti
6:1‑11 kwf – Mat 12:1‑14; Mar 2:23–3:6
1Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas asheetii midhaanii ciratanii harka isaaniitiin sukkuummatanii nyaachuu jalqaban. 2Fariisota keessaas tokko tokko, “Isin maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjettu?” jedhanii gaafatan. 3Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee? 4Inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffame ▼▼Buddeena kudha lamaan guyyaa Sanbataa mana Waaqaa keessa minjaala warqee dibame irra kaaʼamuu dha. Buddeenni kun achitti Gooftaaf dhiʼeeffama. Sanbata itti aanutti immoo lubootaaf kennama. Luboonnis iddoo qulqulluu tokkotti nyaachuu qabu.
kan luboota qofaaf eeyyamame fudhatee nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis kenne.” 5Yesuusis, “Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataa ti” isaaniin jedhe. 6Sanbata biraas inni mana sagadaa seenee barsiisaa ture; namichi harki isaa mirgaa irratti goge tokkos achi ture. 7Fariisonnii fi barsiistonni seeraa Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan nama fayyisu ilaaluuf isa gaadan. 8Yesuus garuu waan isaan yaadan beekee namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe. Innis kaʼee achi dhaabate. 9Yesuusis, “Anis isinan gaafadha; Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo balleessuu?” isaaniin jedhe. 10Gara galees hunda isaanii ilaalee namichaan, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Innis akkasuma godhe; harki isaas guutumaan guutuutti fayye. 11Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu akka malee aaranii Yesuusin maal gochuu akka dandaʼan waliin mariʼachuu jalqaban.
Copyright information for
GazHAHl