‏ Luke 6:37-42

Namatti Muruu

6:37‑42 kwf – Mat 7:1‑5

37 “Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii. 38Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii.”

39Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Jaamaan tokko jaamaa qajeelchuu ni dandaʼaa? Isaan lachuu boolla keessa hin buʼanii? 40Barataan barsiisaa isaatii ol miti; namni guutumaan guutuutti leenjifame hundinuu garuu akka barsiisaa isaa ni taʼa.

41 “Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta? 42Ati utuu ofii keetii jirma ija kee keessa jiru arguu hin dandaʼin, akkamitti obboleessa keetiin, ‘Obboleessaa, kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? Fakkeessituu nana, duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.
Copyright information for GazHAHl