Luke 7:11-16
Yesuus Ilma Haadha Hiyyeessaa Duʼaa Kaase
7:11‑16 kwi – 1Mt 17:17‑24; 2Mt 4:32‑37; Mar 5:21‑24,35‑43; Yoh 11:1‑44
11Yesuus ergasii magaalaa Naayin jedhamtu tokko dhaqe; barattoonni isaatii fi namoonni baayʼeenis isa wajjin dhaqan. 12Yommuu inni karra magaalattiitti dhiʼaatetti jarri tokko nama duʼe tokko baatanii isatti dhufan; namichi duʼe sunis haadha isaatiif ilma tokkicha ture; haati isaas haadha hiyyeessaa turte. Namoonni magaalattii baayʼeenis ishee wajjin turan. 13Gooftaanis yommuu ishee argetti naʼeefii, “Hin booʼin” jedheen. 14Innis itti dhiʼaatee wasaasaa reeffa sanaa tuqe; warri reeffa baatanis ni dhaabatan. Innis, “Gurbayyoo, ani siin nan jedhaa, kaʼi!” jedheen. 15Gurbaan duʼe sunis kaʼee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis deebisee haadha isaatti isa kenne. 16Hundi isaanii ni sodaatan; “Raajiin guddaan nu keessaa argameera. Waaqnis saba isaa gargaaruuf dhufeera” jedhanii Waaqaaf ulfina kennan.
Copyright information for
GazHAHl