Luke 7:18-35
Yesuusii fi Yohannis Cuuphaa
7:18‑35 kwf – Mar 11:2‑19
18Barattoonni Yohannis waaʼee waan kana hundaa isatti himan. Yohannisis isaan keessaa nama lama ofitti waamee, 19“Inni dhufuuf jiru siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee gaafachuudhaaf Gooftaatti isaan erge. 20Namoonni sunis yommuu gara Yesuus dhufanitti, “Yohannis cuuphaan, ‘Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?’ jedhee gaafachuudhaaf sitti nu ergeera” jedhaniin. 21Yesuusis yeruma sana namoota dhibee, dhukkubaa fi hafuura hamaa qaban hedduu fayyise; warra jaamaa turan baayʼeedhaafis agartuu deebise. 22Innis akkana jedhee ergamoota sanaaf deebii kenne; “Deebiʼaatii waan argitanii fi waan dhageessan Yohannisitti himaa; jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama. 23Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.” 24Erga ergamoonni Yohannis baʼanii qajeelanii booddee Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo? 25Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatanii qananiidhaan jiraatan masaraawwan keessa jiru. 26Garuu isin maal arguu baatan? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu. 27Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha: “ ‘Kunoo, ani ergamaa koo isa fuula kee duraan karaa kee qopheessu,fuula kee dura nan erga.’ ▼
28 Ani isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis cuuphaa caalu tokko iyyuu hin jiru; namni mootummaa Waaqaa keessatti nama hundumaa gad taʼe garuu isa ni caala.” 29Namoonni hundi, qaraxxoonni iyyuu waan harka Yohannisitti cuuphamanii turaniif yommuu dubbii Yesuus dhagaʼanitti, karaan Waaqaa qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessan.
Yesuusii fi Fariisota
30Fariisonnii fi beektonni seeraa garuu sababii harka Yohannisitti hin cuuphaminiif kaayyoo Waaqni isaaniif qabu fudhachuu didan. 31Yesuus itti fufee akkana jedhe; “Yoos ani namoota dhaloota kanaa maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa ree? Isaan maal fakkaatu? 32Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii wal waamanii akkana jedhanii ti: “ ‘Nu ulullee isinii afuufne;isin garuu hin sirbine;
faaruu booʼichaas faarsine;
isin garuu hin boonye.’
33 Yohannis cuuphaan yeroo dhufetti buddeena hin nyaatu, daadhii wayiniis hin dhugu tureetii; isin immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jettu. 34Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isin immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jettu. 35Ogummaan garuu ijoollee ishee hundumaan mirkaneeffamti.”
Copyright information for
GazHAHl