Luke 8:19-21
Haadha Yesuusii fi Obboloota Isaa
8:19‑21 kwf – Mat 12:46‑50; Mar 3:31‑35
19Haatii fi obboloonni Yesuus isa arguu dhufan; garuu sababii baayʼina namaatiif isa bira gaʼuu hin dandeenye. 20Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si arguu barbaadanii ala dhadhaabatanii jiru” jedhee isatti hime. 21Innis, “Haati kootii fi obboloonni koo warra dubbii Waaqaa dhagaʼanii hojii irra oolchanii dha” jedhee deebise.
Copyright information for
GazHAHl