‏ Luke 9:13-17

13Inni immoo, “Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise.

Isaanis, “Nama kana hundaaf nyaata yoo dhaqnee binne malee nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa qabna” jedhanii deebisan.
14Dhiira gara kuma shantu achi ture.

Inni garuu barattoota isaatiin, “Garee tokkoon tokkoon isaa gara nama shantama shantamaa qabuun isaan teessisaa” jedhe.
15Barattoonnis akkasuma godhan; namni hundis ni taaʼe. 16Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee caccabse. Ergasii akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattootatti kenne. 17Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
Copyright information for GazHAHl