Luke 9:18-20
Phexros Eenyummaa Kiristoos Beeksise
9:18‑20 kwf – Mat 16:13‑16; Mar 8:27‑29
9:22‑27 kwf – Mat 16:21‑28; Mar 8:31–9:1
18Gaaf tokko Yesuus kophaa isaa kadhannaa irra ture; barattoonni isaas isa wajjin turan. Innis, “Namoonni anaan eenyu jedhu?” jedhee isaan gaafate. 19Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo raajota durii keessaa isa tokkotu duʼaa kaʼe jedhu” jedhanii deebisan. 20Innis, “Isin hoo? Eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate. Phexrosis, “Ati Kiristoos ▼▼yookaan Masiihii
Waaqaa ti” jedhee deebise.
Copyright information for
GazHAHl