‏ Luke 9:28-36

Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa

9:28‑36 kwf – Mat 17:1‑8; Mar 9:2‑8

28Yesuus erga waan kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booddee Phexros, Yohannisii fi Yaaqoobin fudhatee kadhannaadhaaf tulluu tokkotti ol baʼe. 29Utuu inni kadhachaa jiruus bifti fuula isaa geeddarame; uffanni isaas adii calaqqisu taʼe. 30Kunoo namoonni lama jechuunis Musee fi Eeliyaas, ulfina guddaadhaan mulʼatanii Yesuus wajjin haasaʼaa turan. 31Isaanis ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana irraa deemuu isaa kan inni Yerusaalemitti raawwachuuf jiru sanaa dudubbachaa turan. 32Phexrosii fi warri isa wajjin turan garuu akka malee mugan; yeroo dammaqanitti immoo ulfina Yesuusii fi namoota Yesuus wajjin dhadhaabachaa turan lamaan argan. 33Phexrosis akkuma namoonni sun Yesuus biraa deemuu jalqabaniin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe. Inni waan dubbatu hin beeku ture.

34Utuma inni dubbachaa jiruu duumessi tokko dhufee isaan haguuge; isaanis yommuu duumessa sana keessa seenanitti ni sodaatan. 35Sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani filadhee dha; isinis isa dhagaʼaa” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe. 36Yommuu sagaleen sun dubbatetti, Yesuus kophaa isaa argame. Barattoonnis ni calʼisan malee waan argan keessaa tokko illee yeroo sanatti nama tokkottuu hin himne.
Copyright information for GazHAHl