‏ Luke 9:3-5

3Akkanas isaaniin jedhe; “Adeemsa keessaniif waan tokko illee jechuunis ulee yookaan korojoo yookaan buddeena yookaan maallaqa akkanumas kittaa lama hin qabatinaa. 4Mana seentan kam iyyuu keessa hamma magaalaa sanaa baatanitti achuma turaa. 5Yoo namoonni isin simachuu baatan, magaalaa isaaniitii baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.”
Copyright information for GazHAHl