Luke 9:57-60
Yesuus Duukaa Buʼuun Gatii Nama Baasisa
9:57‑60 kwf – Mat 8:19‑22
57Utuu isaan karaa deemaa jiranuus namichi tokko Yesuusiin, “Ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe. 58Yesuusis deebisee, “Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu” jedhe. 59Nama biraatiinis, “Na duukaa buʼi!” jedhe. Namichi garuu, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami” jedhee deebise. 60Yesuusis, “Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi” jedheen.
Copyright information for
GazHAHl