‏ Mark 1:2-8

2Kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffameera: “Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa kee qopheessu,
si dura nan erga;”
3“Sagalee nama, ‘Gooftaaf karaa qopheessaa;
daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’ jedhee
gammoojjii keessaa iyyu tokkoo.”

4Kanaafuu Yohannis gammoojjii keessatti nama cuuphaa, dhiifama cubbuutiif immoo cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa dhufe. 5Biyyi Yihuudaa guutuunii fi namoonni Yerusaalem hundinuus gara isaa dhaqanii cubbuu isaanii himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan. 6Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffatee, mudhii isaas sabbata teephaatiin hidhata ture; inni hawwaannisaa fi damma bosonaa nyaata ture. 7Innis akkana jedhee lallabaa ture; “Kan na caalaa jabaa taʼe, hidhaa kophee isaa illee gad jedhee hiikuun kan naaf hin malle tokko na duubaan ni dhufa. 8Ani bishaaniinan isin cuupha; inni garuu Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha.”
Copyright information for GazHAHl