‏ Mark 1:21-28

Yesuus Hafuura Xuraaʼaa Baasuu Isaa

1:21‑28 kwf – Luq 4:31‑37

21Isaan gara Qifirnaahom dhaqan; innis yommusuma Sanbataan mana sagadaa seenee barsiise. 22Inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin akka nama taayitaa qabu tokkootti waan barsiisaa tureef namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan. 23Yeruma sana namichi mana sagadaa isaanii keessaa kan hafuura xuraaʼaan qabame tokko iyyee 24akkana jedhe; “Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!”

25Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate. 26Hafuurri xuraaʼaan sunis namicha dhidhiitachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee keessaa baʼe.

27Namoonni hundinuu baayʼee dinqifatanii, “Kun maalii? Inni taayitaadhaan barsiisa haaraa barsiisa! Hafuurota xuraaʼoo illee ni ajaja; isaanis ni ajajamuuf” waliin jedhan. 28Oduun waaʼee isaas dafee biyya Galiilaa guutuu keessa faffacaʼe.
Copyright information for GazHAHl