‏ Mark 1:29-31

Yesuus Nama Hedduu Fayyisuu Isaa

1:29‑31 kwf – Mat 8:14,15; Luq 4:38,39

1:32‑34 kwf – Mat 8:16,17; Luq 4:40,41

29Isaanis akkuma mana sagadaatii baʼaniin Yaaqoobii fi Yohannis wajjin mana Simoonii fi Indiriiyaas dhaqan. 30Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciifti turte; isaanis yommusuma waaʼee ishee Yesuusitti himan. 31Innis dhaqee harka qabee ishee kaase. Dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis isaan tajaajiluu jalqabde.
Copyright information for GazHAHl