Mark 1:29-38
Yesuus Nama Hedduu Fayyisuu Isaa
1:29‑31 kwf – Mat 8:14,15; Luq 4:38,39
1:32‑34 kwf – Mat 8:16,17; Luq 4:40,41
29Isaanis akkuma mana sagadaatii baʼaniin Yaaqoobii fi Yohannis wajjin mana Simoonii fi Indiriiyaas dhaqan. 30Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciifti turte; isaanis yommusuma waaʼee ishee Yesuusitti himan. 31Innis dhaqee harka qabee ishee kaase. Dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis isaan tajaajiluu jalqabde. 32Namoonnis galgala sana erga biiftuun lixxee booddee, dhukkubsattootaa fi warra hafuurota hamoon qabaman hunda Yesuusitti fidan. 33Magaalaan sun guutuunis balbala duratti walitti qabame. 34Yesuusis namoota dhibee garaa garaa qaban hedduu fayyise; hafuurota hamoo baayʼees ni baase; garuu inni sababii hafuuronni hamoon sun eenyummaa isaa beekaniif akka isaan dubbatan hin eeyyamneef.Yesuus Iddoo Namni Hin Jirretti Kadhachuu Isaa
1:35‑38 kwf – Luq 4:42,43
35Yesuus ganama barii dimimmisaan kaʼee manaa baʼee iddoo namni hin jirre tokko dhaqee achitti kadhate. 36Simoonii fi warri isa wajjin turan isa barbaaduu deeman; 37isaanis yommuu isa argatanitti, “Namni hundinuu si barbaadaa jira!” jedhaniin. 38Yesuus immoo deebisee, “Akka ani achittis lallabuuf kottaa gara magaalaawwan dhiʼoo jiran kaanii dhaqnaa. Sababiin ani dhufeefis kanuma” jedhe.
Copyright information for
GazHAHl