‏ Mark 1:35-38

Yesuus Iddoo Namni Hin Jirretti Kadhachuu Isaa

1:35‑38 kwf – Luq 4:42,43

35Yesuus ganama barii dimimmisaan kaʼee manaa baʼee iddoo namni hin jirre tokko dhaqee achitti kadhate. 36Simoonii fi warri isa wajjin turan isa barbaaduu deeman; 37isaanis yommuu isa argatanitti, “Namni hundinuu si barbaadaa jira!” jedhaniin.

38Yesuus immoo deebisee, “Akka ani achittis lallabuuf kottaa gara magaalaawwan dhiʼoo jiran kaanii dhaqnaa. Sababiin ani dhufeefis kanuma” jedhe.
Copyright information for GazHAHl