Mark 1:40-44
Namicha Lamxaaʼaa Tokko
1:40‑44 kwf – Mat 8:2‑4; Luq 5:12‑14
40Namichi lamxaaʼaan tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate. 41Yesuusis garaa laafeefii, harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen. 42Yeruma sana lamxiin sun namicha irraa bade; namichis ni qulqullaaʼe. 43Yesuusis of eeggannoo jabaa kenneefii yommusuma gad isa dhiise. 44Akkanas jedheen; “Ati waan kana nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi.”
Copyright information for
GazHAHl