Mark 10:1-12
Wal Hiikuu Dhirsaa fi Niitii
10:1‑12 kwf – Mat 19:1‑9
1Yesuusis achii kaʼee gara biyya Yihuudaatii fi Yordaanos gamaa dhaqe. Amma illee namoonni isa biratti walitti qabaman; innis akkuma bartee isaatti isaan barsiise. 2Fariisonni dhufanii, “Namni tokko niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafachuudhaan isa qoran. 3Innis deebisee, “Museen maal isin ajaje?” jedheen. 4Isaanis, “Namni tokko akka waraqaa ragaa hiikkaa barreesseefii niitii isaa hiiku Museen eeyyameera” jedhan. 5Yesuusis akkana jedhee deebise; “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee seera kana isiniif barreesse. 6Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Waaqni, ‘Dhiiraa fi dubartii isaan taasise.’ ▼ 7‘Kanaafis namni abbaa isaatii fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaa wajjinis tokko taʼa; 8lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.’ ▼ Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. 9Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.” 10Utuu ammas mana jiranuu barattoonni waaʼee dubbii kanaa Yesuusin gaafatan. 11Innis akkana jedhee deebiseef; “Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ishee irratti ejja raawwata. 12Isheenis yoo dhirsa ishee hiiktee nama biraatti heerumte ejja raawwatti.”
Copyright information for
GazHAHl