Mark 10:13-16
Yesuus Ijoollee Eebbisuu Isaa
10:13‑16 kwf – Mat 19:13‑15; Luq 18:15‑17
13Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidaa turan; barattoonni garuu isaan ifatan. 14Yesuus yommuu waan kana argetti aaree akkana isaaniin jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii. 15Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.” 16Innis ijoollee sana fuudhee ofitti qabe; harka isaas isaan irra kaaʼee isaan eebbise.
Copyright information for
GazHAHl