Mark 10:35-45
Kadhaa Yaaqoobii fi Yohannis
10:35‑45 kwf – Mat 20:20‑28
35Ilmaan Zabdewoos jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis gara Yesuus dhufanii, “Yaa Barsiisaa, akka ati waan nu si kadhannu kam iyyuu nuu gootu barbaanna” jedhan. 36Innis, “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?” jedheen. 37Isaanis deebisanii, “Yeroo ulfina keetiitti, tokkoon keenya mirga keetiin, tokkoon keenya immoo bitaa keetiin akka teenyuuf nuuf eeyyami” jedhanii deebisan. 38Yesuusis, “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhugu, dhuguu yookaan cuuphaa ani cuuphamu, cuuphamuu ni dandeessuu?” jedheen. 39Isaanis, “Ni dandeenya” jedhanii deebisan. Yesuusis akkana jedheen; “Xoofoo ani dhugu ni dhugdu; cuuphaa ani cuuphamus ni cuuphamtu; 40garuu mirga koo yookaan bitaa koo taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra isaaniif jedhamee qopheeffame sanaa ti.” 41Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti Yaaqoobii fi Yohannisitti aaran. 42Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka warri akka bulchitoota Namoota Ormaatti ilaalaman sun isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu. 43Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba; 44namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha nama hundaa taʼuu qaba. 45Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
Copyright information for
GazHAHl