‏ Mark 10:46-52

Iji Barxiimewos Banamuu Isaa

10:46‑52 kwf – Mat 20:29‑34; Luq 18:35‑43

46Isaanis Yerikoo dhufan. Utuu Yesuus barattoota isaatii fi tuuta namootaa guddaa isaa wajjin Yerikoodhaa baʼaa jiruu, namichi jaamaan Barxiimewos jedhamu ilmi Ximeewos karaa irra taaʼee kadhachaa ture. 47Barxiimewosis yommuu akka inni Yesuus isa Naazreeti taʼe dhagaʼetti, “Yesuus, yaa ilma Daawit na maari!” jedhee iyyuu jalqabe.

48Namoonni baayʼeen akka inni calʼisuuf ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.

49Yesuusis dhaabatee, “Isa waamaa” jedhe.

Isaanis, “Jabaadhu! Kaʼi inni si waamaatii” jedhanii namicha jaamaa sana waaman.
50Innis wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee kaʼee gara Yesuus dhufe.

51Yesuusis, “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate.

Namichi jaamaan sunis, “Yaa barsiisaa, ani arguun barbaada” jedheen.

52Yesuusis, “Amantiin kee si fayyiseeraa deemi” jedheen. Innis yeruma sana argee karaa irra buʼee Yesuus duukaa buʼe.
Copyright information for GazHAHl